Lakkoofsoa Fuulaa
Qaaqa Guyyaa fi Yeroo kan Ijaartuu Gabaasaa jedhu keessaa filachuun banuu dandeessa.

Shift-F1dhiibi fi saanduqa naqaa kanaaf barruu gargaartuu ilaaluuf hantuutee saanduqa naqaa irratti qabi.
-
Lakkoofsa fuulaaf dhangii filadhu, yoo "Fuula N" ta'uu baate "Fuula N M keessaa", yoo N lakkoofsa fuulaa isa ammee ta'ee, fi M immoo lakkoofsa fuulaa hunda kan gabaasaa.
-
Lakkoofsota fuulaa naannawaa Irraantoo Fuulaa keessatti ykn Jalaantoo Fuulaa keessatti agarsiisuuf filadhu.
-
Hiriira fili. Lakkoofsonni fuulaa muudannoowwan mirgaa fi bitaarratti durtiin wiirta'u. Dirricha gara mirgaa ykn bitaatti hiriirsuu ni dandeessa. Akkasumas, lakkoofsa fuulaa fuulota warra hir'uu ta'an gara bitaatti, lakkofsota fuulaa warra guutuu gara mirgaa irratti maxxansuuf Keessa filachuu ni dandeessa. Hiriira faallaadhaaf Ala filadhu.
Yoo OK cuqaaste, dirreen deetaa lakkoofsa fuulaaf ni itti gala. Yoo irraantoon ykn jalaantoon jiraachuu baate, naannawaan akka barbaadametti uumama.
Dirree deetaa cuqaasuu fi gara ardaa(naannoo) walfakkatutti harkisuu dandeessa, ykn amaloota foddaa amalootaa keessatti gulaaluu dandeessa.